“Nama Faatihaa hin qara’iniif salaanni hin jiru”

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Ubadaa bin Saamit irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: “Nama Faatihaa hin qara’iniif salaanni hin jiru”.
Sahih/Authentic. - Al-Bukhari and Muslim

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- suuraa faatihaa qara'uun maletti salaanni akka fayyaa hin taane ibsan, isiin rak'aa hunda keessatti ruknii tokko kan ruknoowwan salaataa irraa ta'eedha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Faatihaa qara’uu osoo danda'u, yoo dhiise wanti biraa irraa bakka bu'uu hin danda'u.
  2. Beekkan dhiisus ykn wallaalaan ykn dagatee dhiisus rak’aan faatihaan keessatti hin qara’amin sirrii miti; sababni isaas isiin waan ruknii taatef jecha, ruknoowwan gonkuma hafuu hin danda'an.
  3. Faatihaa qara'uun nama imaama hordofu irraa ni kufa, yoo imaamaa rukuu'a irra jiruu dhaqqabate.

tarreewwan

Successfully sent!