Fakkeenyi mu'umintootaa wal jaallachuu, rahmata waliif gochuu fi garaa waliif laafuu isaanii keessatti akka qaama tokkooti, humna tokko isa irraa yoo dhibame qaamni guutuun hirriiba dhabuu fi leydaa'uudhaan isaan waliin dhibama

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Nu'umaan bin Bashiir irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: "Fakkeenyi mu'umintootaa wal jaallachuu, rahmata waliif gochuu fi garaa waliif laafuu isaanii keessatti akka qaama tokkooti, humna tokko isa irraa yoo dhibame qaamni guutuun hirriiba dhabuu fi leydaa'uudhaan isaan waliin dhibama".
Sahih/Authentic. - Al-Bukhari and Muslim

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- kheyrii waliif jaallachuu, wal gargaaruu ,waliif tumsuu fi rakkina isaan irra gayuuf rakkachuu irraa ta'ee haalli Muslimoonni waliif qaban akka qaama tokkoo ta'uun dirqama ta'uu akka qabu ibsan, yeroo humna tokko irraa dhukkubsatee qaamni guutuun hirriiba dhabuu fi leydamuudhaan isa waliin dhukkubsata.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Haqa muslimootaa kabajuun akka barbaachisuudha, akkasumas wal gargaaruu fi gariin isaanii gariif garaa laafuu irratti isaan kakaasuudha.
  2. Warra iimaanaa giddutti wal jaallachuu fi waliif tumsuun jiraachuudha qaba.

tarreewwan

Successfully sent!