Hawdiin koo(guddinni isaa) adeemsa ji'aati, bishaan isaa aannan irra adiidha, fooliin isaa miskii irra gaariidha

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Abdullaah ilma Amrii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Hawdiin koo(guddinni isaa) adeemsa ji'aati, bishaan isaa aannan irra adiidha, fooliin isaa miskii irra gaariidha, kubbaayyaan isaa akka urjii samiiti, namni isii irraa dhuge tasuma hin dheebotu".
Sahih/Authentic. - Al-Bukhari and Muslim

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- guyyaa qiyaamaatti hawdii dheerinnii fi bal'inni isaa adeemsa ji'aa ta'e akka isaaniif jiru himani, Bishaan isaa aannan irra haalaan adii akka ta'e himani, Fooliin isaas bareedaa foolii miskii caalaatti kan urgaa'u ta'uu himani, Kubbaayyaaleen isaa heddummina isii keessatti akka urjii samii akka taate himani, Namni kubbaayyotii sanaan hawdii irraa dhuge tasuma hin dheebotu.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hawdiin Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- walitti qabama bishaan guddaa mu'umintoonni ummata isaanii irraa guyya qiyaamaa isa bu'anii irraa dhuganiidha.
  2. Qananiin nama hawdicha irra dhugeef argamuudha, inni yoomuu hin dheebotu.

tarreewwan

Successfully sent!