Yahuudaa woliin wol loltanii hanga dhagaan booda isaa yahuudaan jiru: yaa muslima kun booda koo kan jiru yahuudaadha isa ajjeesi jedhutti qiyaamaan hin dhaabbatu

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Yahuudaa woliin wol loltanii hanga dhagaan booda isaa yahuudaan jiru: yaa muslima kun booda koo kan jiru yahuudaadha isa ajjeesi jedhutti qiyaamaan hin dhaabbatu".
Sahih/Authentic. - Al-Bukhari and Muslim

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga muslimoonnii fi yahuudaan wol lolanitti qiyaamaan akka hin dhaabbanne himani, Yoo yahuudichi muslima irraa dhokachuuf jecha dhagaa jalatti dheesse illee; Rabbiin dhagaa dubbachiisee muslima waamaa: booda isaa yahuudaatu jira jechuun, akka muslimni isa ajjeesuuf dhufuuf jecha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- garii waan fagoo fi fuulduratti dhufu himuun isaanii akkaataa Rabbiin isaan beeksiseeni, argamuun isaas hafiinsa waan hin qabneedha.
  2. Aakhiruzzamaanitti muslimoonni akka yahuudaan lolanii fi sun mallattoolee qiyaamaa irraa ta'uu ibsuudha.
  3. Amantaan islaamaa hanga guyyaa qiyaamaatti kan turu ta'uu fi amantaalee hunda irraa ifa galee kan jiraatuudha.
  4. Tumsa Rabbiin muslimootaaf diina isaanii irratti taasisuufiidha, sana irraa aakhiruzzamaanitti dhagaan akka dubbatu taasisuudha.

tarreewwan

Successfully sent!