Hanga namni tokko qabrii nama biraa bira darbee akkana jedhutti qiyaamaan hin dhuftu: Osoon bakka isaa ta’ee natti tola

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: "Hanga namni tokko qabrii nama biraa bira darbee akkana jedhutti qiyaamaan hin dhuftu: Osoon bakka isaa ta’ee natti tola".
Sahih/Authentic. - Al-Bukhari and Muslim

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga namni tokko qabrii bira darbee bakka abbaa qabrii sanaa ofii du'uu hawwutti qiyaamaan akka hin taane himan, Sababni isaas sababaa cubbuu fi warri cubbuu ol'aantummaa argatanii fitnaan adda addaatii fi badiiwwan muldhachuutiin amantii isaa dhabuu irraa sodaachuu isaati.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Dhuma yeroo irratti dilii fi fitnaan adda addaa akka muldhatan akeekuudha.
  2. Iimaana fi hojiilee gaggaarii hojjachuu fi iddoolee fitnaa fi balaa adda addaa irraa fagaachuun of eeggannoo gochuu fi du'aaf qophaa'urratti kakaasuudha.

tarreewwan

Successfully sent!