Dhugumatti mallattoolee qiyaamaa irraa beekumsi kaafamuu, wallaalumni faca'uu, sagaagalummaan heddummaachuu, dhugaatii sammuu nama adoochu dhuguun heddummaachuu fi dhiirotiin xiqqaatanii fi dubartoonni hanga dubartii shantamaaf dhiirri tokk...

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Anas irraa akk odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: hadiisa wohii kan ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhaga'e kan ana malee namni kamuu isiniif odeessuu hin dandeenyen dhugumatti isiniif odeessa: ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: "Dhugumatti mallattoolee qiyaamaa irraa beekumsi kaafamuu, wallaalumni faca'uu, sagaagalummaan heddummaachuu, dhugaatii sammuu nama adoochu dhuguun heddummaachuu fi dhiirotiin xiqqaatanii fi dubartoonni hanga dubartii shantamaaf dhiirri tokko bulchaa ta'utti heddummaachuudha".
Sahih/Authentic. - Al-Bukhari and Muslim

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mallattoolee dhaabbachuun qiyaamaan dhihaatuu keessaa beekumsi shari'aa kaafamuuu akka ta'e ibsani, sun immoo ulammoonni du'uudhaan ta'a. Bu'aan sanaa immoo wallaalummaan hedduumaatee faca'uu, sagaagalummaa fi wantoonni fokkatoon faca'uudha, akkasumas dhugaatii sammuu namaa adoochu dhuguun heddummaachuu, lakkoofsi dhiirotaa xiqqaatee lakooofsi dubartootaa heddummaachuudha; hanaga dubartii shantamaaf dhiirri tokko kan dhimmoota isaaniitiin dhaabbatuu fi kan faaydaawwan isaaniif itti gaafatamummaa fudhatu ta'utti.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Garii mallattoolee qiyaamaa ifa galchuutu keessa jira.
  2. Beekumsi yeroo qiyaamaa wantoota dhokatoo Rabbiin beekumsa isii ofiif qofa taasise keessaati.
  3. Isa dhabuun duratti beekumsa shari'aa barachuutti kakaasuutu keessa jira.

tarreewwan

Successfully sent!