Rabbiin lafa qabee, harka mirga Isaatiin samii walitti maree, eegasii akkana jedha: Ani mooticha, mootonni lafaa eessa jiru?”

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhagaye: "Rabbiin lafa qabee, harka mirga Isaatiin samii walitti maree, eegasii akkana jedha: Ani mooticha, mootonni lafaa eessa jiru?”
Sahih/Authentic. - Al-Bukhari and Muslim

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Guyyaa Qiyaamatti Rabbiin ol ta'e akka dachii walitti qabee, samii harka mirgaa Isaatiin walitti dachaasee, garii ishee garii irratti maree, akkasumas isheen deemee ishee xumuree, eegasii akkana akka jedhu himan: Ani mootiidha, Mootonni addunyaa eessa jiru?!

bu.aa hadiisa irraa

  1. Mootummaan Rabbii hafaa akka ta'ee fi mootummaan namoota biroo immoo deemaa akka ta'e yaadachiisuudha.
  2. Guddina Rabbiiti fi guddina dandeettii Isaati, akkasumas guddina aangoo Isaati fi guutummina mootummaa Isaati.

tarreewwan

Successfully sent!