Jechoota lama kan arraba irratti laafoo ta'an, miizaana irratti ulfaatoo ta'an, Rahmaaniin biratti jaallatamoo ta'an

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Jechoota lama kan arraba irratti laafoo ta'an, miizaana irratti ulfaatoo ta'an, Rahmaaniin biratti jaallatamoo ta'an: Subhaanallaahi al-aziim, Subhaanallaahi wa bihamdih".
Sahih/Authentic. - Al-Bukhari and Muslim

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jechoota lama kan ilmi namaa rakkoo tokko malee haala kamuu keessatti isaan dubbachuu akka danda'u, mindaan isaanii immoo miizaana irratti dhugumatti guddaa akka ta'ee fi Rabbiin keenya Rahmaan kan isaan jaallatu ta'uudha himan. Subhaanallaahi al-aziimii fi subhaanallaahi wa bihamdihii jechuudha, Rabbiin guddinaa fi guutummaan wassafuu fi hirdhina irraa Isa qulqulleessuu waan of keesssatti qabataniif jechaadha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Irra jabaan zikrii Rabbiin qulqulleessuu fi Isa faarsuun isa keessatti walitti qabamuudha.
  2. Bal'ina rahmata Rabbiin gabroota Isaatiif qabu ibsuudha, Inni hojii muraasa irratti mindaa guddaa namaaf deebisa.

tarreewwan

Successfully sent!