Du'aa'iin (kadhaan) inni ibaadaadha

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Nu'umaan ilma bashiir irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: "Du'aa'iin (kadhaan) inni ibaadaadha", eegasii Aayaa qur'aanaa tan hiikkaan isii akkas jedhu qara'ani: "Rabbiin keessan ni jedhe: na kadhaa isiniifan owwaadhaa, dhugumatti isaan ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta'anii, jahannam seenuuf jiru".[Gaafir: 60]
Sahih/Authentic. - Ibn Maajah

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- du'aa'iin ibaadaa akka ta'e himani, du'aa'ii gaafannaa fi barbaachaas ta'ee, waan isa fayyaduu fi waan duuniyaa fi aakhiraatti isa miidhu isa irraa deebisu Rabbiin gaafachuufaa yookaan du'aa'ii ibaadaas ta'ee, isiin hunda jechootaa fi hojiiwwan mullataa fi dhokataa Rabbiin jaallatuudha, ibaadaa qalbiis ta'ee yookaan kan qaamaa yookaan kan qabeenyaas dirqamni jiru hundi isaatuu Rabbiif qulqulluu ta'uu qaba. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sana irratti Rabbiin akkas jedhe jechuun ragaa dhiheeffatani: "Na kadhaa" isiniifan owwaadhaa, dhugumatti isaan ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta'anii, jahannam seenuuf jiru".

bu.aa hadiisa irraa

  1. Du'aa'iin bu'uura ibaadaati, Rabbiin malee waan jiruuf dabarsanii kennuun hin ta'u.
  2. Du'aa'iin gabbarummaa dhugaa fi durummaa Rabbii ol ta'ee, dandeettii Isaatii fi gabrichi Isatti haajamaa ta'uu isaa raggaasisuu of keessatti qabata.
  3. Sodaachisa jabaa mindaa ibaadaa Rabbii irraa boonuu fi Isa kadhachuu dhiisuu qabuudha, akkasumas isaan kadhaa Rabbii irraa boonan salphatoo xinnaatoo ta'anii jahannama akka seenuuf jiranuudha.

tarreewwan

Successfully sent!