Rabbiin biratti akkaan irra jibbamaan namootaa nama falmii gogaa falmuudha

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Rabbiin biratti akkaan irra jibbamaan namootaa nama falmii gogaa falmuudha".
Sahih/Authentic. - Al-Bukhari and Muslim

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin ol ta'e namoota irraa nama falmii jabeessuu fi heddummeessu kan haqa jala butamuu hin qeeballe, falmii isaatiin haqa deebisuu kan yaalu, yookaan haquumaan kan falamu garuu falmii kessatti daangaa darbuun giddu galeessummaa keessaa of baasa, akkasumas beekumsaan maletti kan falamu akka jibbu himani.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Namni miidhame karaa iyyannoo shari'aatiin haqa isaa barbaaduun gosoota falmii jibbamaa keessa hin ssenuudha.
  2. Falmii fi wol mormiin balaa arrabaa tan adda faca'uu fi muslimoota gidduutti dugda wolitti galuuf sababbaa taatu keessa tokkoodha.
  3. Falmiin yoo haqa keessattti taatee fi karaa isii bareedaan yoo taate faarfamtuudha, haqa deebisuu fi badii raggaasisuuf yoo taate yookaan ragaan malee yoo taate immoo jibbamtuudha.

tarreewwan

Successfully sent!