Namoonni wohii qabeenya Rabbii haqaan maletti fedhanitti ittifayyadamu, isaaniif guyyaa qiyaamaa keessatti ibiddaatu jira

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Khawlat al-ansaariyyaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- Nabiyyiidhaa -Rabbii rahmataa fi ngeenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e jette: "Namoonni wohii qabeenya Rabbii haqaan maletti fedhanitti ittifayyadamu, isaaniif guyyaa qiyaamaa keessatti ibiddaatu jira".
Sahih/Authentic. - Al-Bukhari

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namoota qabeenya muslimootaa haqaan maletti akka fedhan godhan, karaan malee kan fudhatan dubbatan, kun qabeenya karaa eeyyamameen alatti walitti qabuu, isa hojjachuu fi iddoo sirrii hin taane keessatti isa baasuu keessatti murtoo wolii galaati, qabeenya yatiimotaa nyaachuun, qabeenya woqfii balleessuun, amaanaa waakkachuu fi haqaan maletti qabeenya walii galaa irraa fudhachuun sana keessa ni gala. Eegasii mindaan isaanii guyyaa qiyaamaatti ibidda akka ta'e Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- himani.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Qabeenyi harka namootaa jiru qabeenya Rabbiiti, karaa eeyyamame irratti akka baasanuu fi haqaan maletti akka fedhan godhuu irraa akka fagaatanuuf isa irratti bakka isaan buuse, kun bulchitootaa fi namoota biroo isaan malee jiru hunda ilaallata.
  2. Qabeenya ummataa kan wolii galaa keessatti shari'aan haalaan jabeessuu fi namni isa irraa waan tokko irratti itti gaafatamummaa fudhate guyyaa qiyaamaatti akkaataa itti isa wolitti qabee fi akkaataa itti isa baase irraa akka herregamu argisiisa.
  3. Akkasuma namni qabeenya isaasa haa ta'uu kan nama biraa akka shari'aan eeyyameen alatti itti fayyadamus sodaachisa kana keessa ni gala.

tarreewwan

Successfully sent!