Worri haqaan murteessan (guyyaa qiyaamaa) Rabbiin biratti teessoowwan ifa irraa ta'e irratti, gara mirga rahmaaniin ta'ani, harki Isaa lameenuu miraga

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Abdullaah ilma Amri irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Worri haqaan murteessan (guyyaa qiyaamaa) Rabbiin biratti teessoowwan ifa irraa ta'e irratti, gara mirga rahmaaniin ta'ani, harki Isaa lameenuu miraga, isaannan murtoo isaanii keessatti, maatiiwwan isanii fi waan irraatti muudaman irratti haqa eeggatan".
Sahih/Authentic. - Muslim

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbii rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaannan namoota bulchiinsa isaanii jala jiran, murtoo isaanii jala jiranii fi maatii isaanii gidduutti haqaa fi dhugaan murteessan guyyaa qiyaamaatti kabajaa isaaniif jecha teessoowwan haalaan ol fuudhamoo ifa irraa uumaman irra taa'u jedhanii himan. Teessowwan kun mirga rahmaanitti argamu, harki Isaa lameenuu -Inni qulqullaa'e- mirgaadha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa haqaan murteessuun qabuu fi isa irratti kakaasuudha.
  2. Haqaan murteessuun bulchiinsa hundaa fi namoota gidduutti murtoo gochuu of keessatti qabata, inumaayyuu haadha manaa, ilmaanii fi kanneen biroo gidduutti haqaan murteessuunis isuma irraayi.
  3. Sadarkaa worri haqaan murteessanu guyyaa qiyaamaatti qaban ibsuudha.
  4. Sadarkaan worra iimaanaa guyyaa qiyaamaatti akka wol dhabaa ta'e agarsiisa, hunduu akkaataa hojii isaatiini.
  5. Mala kajeelchisuutiin barsiisuun maloowwan da'awaa itti geessan keessaa isii nama waamamu rabbiif ajajamuutti kakaastu keessaayi.

tarreewwan

Successfully sent!