Hin dallanin

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-: Namtichi tokko Nabiyyiidhaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- na gorsi jedheen: (Nabiyyiinis): "Hin dallanin" jedhaniin, gurbichi irra deddeebi'ee gaafannaan, isaanis deebi'anii akkana jedhaniin: "Hin dallanin".
Sahih/Authentic. - Al-Bukhari

Ibsaa

Sahaabaan tokko -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- gara waan isa fayyadu tokkootti akka isa qajeelchan nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa barbaadee jennaan, isaanis dallanuu dhabuutti isa ajajani, akkas jechuun sababoowwan gara dallaansuutti isa geessan irraa fagaachuu jechuudha, akkasumas yeroo dallansuun isa mudatetti lubbuu isaa to'achuudha, ajjeechaadhaan yookaan rukuttaadhaan yookaan arrabsuu fi waan sana fakkaatan raawwachuun dallansuu isaa keessatti hafuu hin qabu. gurbichi dhaamsa barbaaduu yeroo hedduu irra deddeebi'e, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- "Hin dallanin" jechuu malee hoomaa isaaf hin daballe.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Dallansuu fi sababoowwan isaa irraa baqachiisuudha, isatu walitti qaba hamtuuti, isa irraa eeggachuun walitti qaba toltuuti.
  2. Yeroo dhoorgaan Rabbii cabsame Rabbiif jecha dallanuun dallansuu faarfamaa irraayi.
  3. Yeroo barbaachisaa ta'etti haasaa irra deddeebi'uu hanga namni dhaggeeffatu hubatee barbaachisummaa isaa barutti.
  4. Sadarkaa beekaa irraa dhaamsa barbaaduun qabuudha,

tarreewwan

Successfully sent!