''Jannanni gara tokkoon kessaniitti Haada kophee keessanii irra dhihaatti, ibiddis akkasuma''

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Ibnu Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: ''Jannanni gara tokkoon kessaniitti Haada kophee keessanii irra dhihaatti, ibiddis akkasuma''.
Sahih/Authentic. - Al-Bukhari

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti jannannii fi ibiddi ilma namaatti haada kophee gubbaa faanaa irra jiruu caalaa dhihoo ta'uu himan, namni gariin ibaadaa waan Rabbiin jaallatu irraa tokko hojjatee isiidhaan jannata seenuun waan maluufi, yookaan badii tokko dalagee sababaa ibidda seenuu ta'uun isaa waan maluufi.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Toltuutti kakaasuu yoo xiqqatellee akkasumas hamtuu irraa sodaachisuu yoo xiqqaatellee.
  2. Muslimaaf jireenya isaa keessatti kajeellaa fi sodaa wolitti qabuun dirqama akka ta'ee fi yeroo hundumaa haqa irratti ragga'uu Rabbiin kadhachuu akka qabuudha, bilisa akka ba'uuf jecha, akkasumas haala ofiitiin gowwoomuu akka hin qabneedha.

tarreewwan

Successfully sent!