“Namni dubartii abbaan manaa irraa du’ee fi nama rakkate kunuunsu, akka nama karaa Rabbii irratti qabsaayuuti, ykn akka nama halkan dhaabatee guyyaa soomuuti.”

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: “Namni dubartii abbaan manaa irraa du’ee fi nama rakkate kunuunsu, akka nama karaa Rabbii irratti qabsaayuuti, ykn akka nama halkan dhaabatee guyyaa soomuuti.”
Sahih/Authentic. - Al-Bukhari and Muslim

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Namni dantaa/faayidaa dubartii abbaan manaa ishee du’ee fi nama dhimma ishee eegu hin qabne, akkasumas hiyyeessaa fi rakkataa kunuunsu mindaa Rabbii ol ta’e biratti herregataa haala ta'een, inni akka nama karaa Rabbii irratti qabsaayuu ykn akka nama salaata tahajjudaa dhaabbatee hin dadhabnee, akka nama soomu Kan sooma hin hiikneeti jechuudha himan.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Wal gargaaruu, wal bira dhaabbachuu fi dhimmoota warra dadhaboo ta'anii baasuu irratti nama kakaasuudha.
  2. Ibaadaan hojii gaarii hunda kan hammatu yoo ta’u, ibaadaa keessaa ammoo dubartii abbaan manaa irraa du’ee fi hiyyeessa deeggaruudha.
  3. Ibnu Hubayraan akkana jedhe: akkas jechuun Rabbiin olta’e mindaa nama soomuu, kan salaataaf dhaabbatuu fi mindaa nama Rabbiif jecha qabsaa’uu yeroo tokkotti walitti qabaaf jechuudha; waan namichi kun dubartii abbaan manaa ishee irraa du'eef bakka abbaa manaa ishee dhaabbatee fi namichi hiyyeessa ofii isaatii waa gochuu dadhabe horii fi humna isaatiin isa gargaareef jecha, bu'aan inni isaaniif buuse egaa sooma, salaataa fi jihaada waliin wal qixa ta'a.

tarreewwan

Successfully sent!