Ani nama baayʼee bishaan (mazyiin) qaama salaa irraa dhangala'u ture, intalti isaanii waan nabira jirtuuf jecha Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafachuu saalfadheetiin Miqdaad ilma Aswad akka isaan naaf gaaf...

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Aliyyi irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: Ani nama baayʼee bishaan (mazyiin) qaama salaa irraa dhangala'u ture, intalti isaanii waan nabira jirtuuf jecha Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafachuu saalfadheetiin Miqdaad ilma Aswad akka isaan naaf gaafatuuf jecha ergee, gaafatee jennaan, isaanis akkana jedhan: “Qaama saalaa isaa dhiqatee wuduu’a godhata". Akka Bukhaariin gabaasetti immoo akkana jedhan: “wuduu’a godhadhuutii qaama saalaa kee dhiqi”. ​
Sahih/Authentic. - Al-Bukhari

Ibsaa

Aliyyii bin Abii Xaalib -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- yeroo baay’ee mazyiin akka isa irraa bahu hime -innis bishaan qal'aa mucucaataa kan yeroo fedhii saalaa ykn walqunnamtii saalaa dura qaama saalaa irraa bahuudha. Maal gochuu akka qabu hin beekne, Rasuulas -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafachuu saalfate, Sababni isaas Abbaa manaa Faaximaa intala Rasuulaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan ta'eef jecha, ​ Kanaafuu Miqdaad bin Aswad irraa waa’ee sanaa akka Rasuula -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaaf gaafatu barbaade, Isaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuun deebisaniif: Qaama saalaa dhiqateeti eegasii wuduu'a godhata.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Aliyyii bin Abii Xaalib -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- saalfachuun nama birootinis ta'u gaaffii irraa kan isa hin dhoorgin ta'uun sadarkaa isaa muldhisaadha.
  2. Fatwaa gaafachuu keessatti nama biroo bakka buufachuun ni danda'amaadha.
  3. Yoo bu'aa wahiitif ta'e namni tokko ofii isaa irraa waan saalfii tokko nama birootti himuun ni danda'amaadha.
  4. Mazyiin (bishaan fedhii saalaatiin bahu) najisa ta'uu fi qaama fi uffata irraa isa dhiquun dirqama ta'uudha.
  5. Bahiinsi mazyii wantoota wuduu’a diigan keessaa isa tokkoodha.
  6. Hadiisa biraa keessatti waan dhufee jiruuf qaama saalaa fi killee (cidhaan) lameen dhiqachuun dirqama ta'uudha

tarreewwan

Successfully sent!