Haala Rabbitti amanee fi mindaa isa irratti herregateen namni halkan laylatulqadrii dhaabbate, badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Abuu hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Haala Rabbitti amanee fi mindaa isa irratti herregateen namni halkan laylatulqadrii dhaabbate, badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama".
Sahih/Authentic. - Al-Bukhari and Muslim

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- laylatulqadrii Ramadaana irraa kudhanan boodaa keessatti taatu sadarkaa isii salaataan dhaabbachuun qabu hin himan, akkasumas dhugumatti isii fi isii keessatti waan dhufetti haala amanaa ta'een, hojii isaatiin mindaa Rabbii ol ta'ee haala kajeelaa ta'een, na argaa fi na dhaga'aan maletti, salaatuun, kadhannaan, Qur'aana qara'uu fi zikriin namni isii keessatti tattaafate badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifamaadha himan.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa laylatul qadriin qabduu fi isii salaataan dhaabbachuutti kakaasuudha.
  2. Hojiiwwan gaggariin niyyaa gaariin woliin malee hin qeebalamtu.
  3. Tola Rabbii fi rahmata Isaati, dhugumatti namni halkan laylatul qadrii haala Rabbitti amanee fi isa irratti herregateen dhaabbate, badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama.

tarreewwan

Successfully sent!