Siwaakiin afaaniif qulqullina, Rabbiif waan isa jaallachiisu

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Siwaakiin afaaniif qulqullina, Rabbiif waan isa jaallachiisu".
Sahih/Authentic. - An-Nasaa’i

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti damee muka aadigaatii fi kan isa fakkaatuun ilkaan qulqulleeffachuun hafuura badaa fi xuriiwwan irraa afaan akka qulqulleessu himan. Akkasumas suwaakkatuun sababoowwan garbichi jaalala Rabbii ittiin argatu irraayi; waan isa keessa Rabbiin tole jechuu fi ajaja isaa fudhachuun jiruuf jecha, akkasumas waan qulqullinni Rabbiin ol ta'e jaallatu isa keessa jiruufi.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa suwaakkachuun qabuu fi akka isa heddummeessanuuf Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ummata isaanii kakaasuudha.
  2. Suwaakkachuu keessatti irra caalaan damee muka araakii fayyadamuudha, buruushii fi saamunaa fayyadamuun bakka isaa ni bu'a.

tarreewwan

Successfully sent!