“Rabbiin salaata tokkoo keessanii hin qeebalu, yeroo inni wuduu’a cabse hanga wadda'atuutti

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: “Rabbiin salaata tokkoo keessanii hin qeebalu, yeroo inni wuduu’a cabse hanga wadda'atuutti".
Sahih/Authentic. - Al-Bukhari and Muslim

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ulaagaalee salaanni itti fayyaa taatuun keessaa xaaharaan (wuduu'a godhachuun/dhiqachuun) akka tokko ta'e ibsan, kanaafuu nama salaatuu barbaadu kan wanti wuduu’a balleessu irraa argame; kan akka sagaraa, yookaan fincaanii, yokaan hirriibaa, yokaan kan fakkaatan isa irratti wadda'achuun dirqama.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Salaanni nama wuduu’a balleessee hanga xurii guddaa irraa dhiqachuun, xurii xiqqaa irraa immoo wuduu’a godhachuun hanga xaaharatuutti/qulqulleeffatuutti akka hin qeebalamneedha.
  2. Wuduu’a jechuun bishaan fudhatee afaan keessa naannessee baafachuun, eegasii afuura isaatiin bishaan sana gara keessoo funyaan isaatti ol harkisee baasuudha, eegasii fuula isaa si’a sadii dhiqachuudha, eegasii harka isaa lameen yeroo sadii ciqilee lameenin waliin dhiqachuudha, eegasii mataa isaa guutuu al tokko qofa haxaa’ee harka lameen gurra lameen irra baasuudha, eegasii miila isaa lameen koomee lameenin waliin yeroo sadii dhiqachuudha.

tarreewwan

Successfully sent!