Rabbiin samiiwwanii fi dachii osoo hin uumiin woggaa kuma shantamaan duratti murtoowwan uumamtootaa barreessee jira

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Abdullaah ilma Amri ilma Al-aas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: "Rabbiin samiiwwanii fi dachii osoo hin uumiin woggaa kuma shantamaan duratti murtoowwan uumamtootaa barreessee jira, ni jedhan(Ergamaan): Arshiin Isaa bishaan gubbaadha jira".
Sahih/Authentic. - Muslim

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin murtoo uumamtootaa waan argamuuf taa'u jireenya, du'a, rizqii fi wantoota kana fakkaatan kan biraa irraa adda babaasee lawhal mahfuuz(luuhii tikfamaa ta'e) irratti samiiwwanii fi dachii osoo hin uumin woggaa kuma shantamaan duratti akka barreessee jiru himan, isiin akkaataadhuma Rabbiin ol ta'e isii murteesseen argamtuudha. Wanti ta'u hundi murtoo Rabbiitii fi qadara isaatiin ta'a, Wanti gabricha tuqe isa dhabuu hin danda'u, wanti isa dhabe immoo isa tuquu hin danda'u.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Murtoo fi qadaratti amanuun dirqama ta'uu isaati.
  2. Qadara jechuun: Rabbiin wantootii beekuu, isii barreessuu, isii fedhuu fi isii uumuudha.
  3. Murtoowwan samiiwwanii fi dachiin uumamuun duratti barreefamuutti amanuun jaalalaa fi garaa guutuun waan sana fudhachuudha bu'aa buusa.
  4. Arshiin Rahmaan samiiwwanii fi dachiin uumamuun duratti bishaan irra tureedha.

tarreewwan

Successfully sent!