Namni haala homaa Rabbiitti hin qindeessineen du'e jannata seene, namni haala waa tookko Rabbitti qindeessuun du'e immoo ibidda seene

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Namichi wohii gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: Yaa ergamaa Rabbii! raggaasisoon lameen maali? ergamaanis ni jedhani: "Namni haala homaa Rabbiitti hin qindeessineen du'e jannata seene, namni haala waa tookko Rabbitti qindeessuun du'e immoo ibidda seene".
Sahih/Authentic. - Muslim

Ibsaa

Namichi wohii waan lama kan jannata seenuu dirqama taasisanii fi kan ibidda seenuu dirqama taasisan maali jedhee Nabiyyii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafate? Akkas jechuun isaanis -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaaf deebisan: wanti jannata dirqama taasisu ilmi namaa haala Rabbiitti homaa hin qindeessineen Isa qofa osoo gabbaruu du'uudha, Wanti ibidda dirqama taasisu immoo ilmi namaa haala Rabbitti qindeessuun haala inni gabbarummaa isaa keessatti yookaan gooftummaa Isaa keessatti yookaan maqoowwanii fi sifaatowwan Isaa keessatti Isaaf fakkaataa fi hiriyaa taasisuun du'uudha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa tawhiidni qabuudha, namni haala Rabbitti amanee homaa isatti hin qindeessineen du'e jannata seene.
  2. Hammeenya shirkiin qabuudha, namni waa tokko osoo Rabbitti qindeessuu du'e ibidda seene.
  3. Balleessitoonni worra tawhiidaa fedha Rabbii jala jiru, yoo fedhe isaan azzaba yoo fedhe immoo isaaniif dhiisa, eegasii deebiiin isaanii jannata ta'a.

tarreewwan

Successfully sent!