Hundi ummata kootii jannata ni seenu nama dide malee

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Hundi ummata kootii jannata ni seenu nama dide malee", yaa Ergamaa Rabbii enyuma kan didu? jedhan (sahaaboonni), Ergamaanis ni jedhan: "Namni naaf ajajme jannata seene, namni na faallesse immoo dhugumatti jannata didee jira".
Sahih/Authentic. - Al-Bukhari

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama dide malee hundi ummata isaanii jannata akka seenan himani. Sahaabonni -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhan: Eenyu inni didu yaa Ergamaa Rabbii?! Namni ergamaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jala butamee, isaan hordofee fi isaaniif ajajamee jannata seena, namni isa faallesse kan shari'aan hin bulle immoo hojii isaa badduudhaan dhugaan jannata seenuu didee jira jedhanii deebii isaaniif kennan.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Ergamaadhaaf ajajamuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiif ajajamuu irraayi, isaan faallessuun Rabbiin faallessuu irraayi.
  2. Nabiyyiif ajajamuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jannata dirqama gooti, isaan faallessuun immoo ibidda dirqama gooti.
  3. Ummata tana irraa worra Rabbiif ajajamaniif gammachuutu jira, hundi isaaniituu jannata seenu, nama Rabbii fi eErgamaa Isaa faallesse malee.
  4. Ummata isaaniitiif laphee baachuu isaaniitii fi qajeeluma isaanii irratti bololuu isaaniitu hadiisicha keessa jira -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-.

tarreewwan

Successfully sent!