Ibsaa
Umar -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Jibriil -nagaan isa irra haa jiraatu- fakkii nama hin beekamneetiin sahaabotatti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- akka dhufe hima, haala isaa irraa huccuun isaa hedduu adiidha, rifeensi isaas hedduu gurraacha, dadhabbii, quxxoo, rifeensi isaa adda faca'uu fi huccuun xuraawuu irraa faanni imalaas isa irratti homaa hin mul'atuudha, akkasumas namoota yeroo sana achi turan irraa namni tokko isa hin beeku, osoo isaan Nabiyyii bira -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu -taa'ani jiranuu Nabiyyii fuuldura taa'icha akka barataatti taa'ee, Islaamummaa irraa isaan gaafate, achumaan arkaanattii tana tan shahaadaa lameen raggaasisuu, salaata shanan eeggachuu, nama isii haqa godhatuuf zakaa kennuu, ji'a ramaddaanaa soomuu fi nama danda'u irratti dirqama hajjii geessuu kan taateen isaaf deebisani.
Gaafataanis ni jedhe: dhugaa dubbatte, sahaabonnis gaaffii isaa kan akka hin beekne akeekuu fi eegasii immoo akka nama beekuutti deebisee dhugoomsuu isaa irraa dinqisiifatani.
Eegasii Iimaana irraa isaan gaafatee, isaanis arkaanattii jahan Allaahaan ol ta'e jiraachuu fi sifoottan Isaatti amanuu, akkasuma hojii Isaa kan akka uumuu faatiin Isa tokkichoomsuu, akkasuma malaa'ikonni kan Rabbiin ifa irraa isaan uume gabroota kabajamoo kan Rabbii ol ta'e hin faallessinee fi ajaja Isaatiin kan hojjatan ta'uu isaaniitti amanuu, akkasuma kitaabowwan Rabbii ol ta'e biraa ergamtoota Isaa irratti bu'an kan akka qur'aanaa, tawraat, injiilii fi kanneen birootti amanuu, akkasuma ergamtoot Rabbiin irraa ergaa geessan, isaan irraa Nuuh, Ibraahiim, Muusaa, Iisaa fi xumura isaanii Muhammaditti amanuu -nageenyi Rabbii cufa isaanii irra haa jiraatu- akkasuma nabiyyootaa fi ergamtoota kan biroottis amanuu, guyyaa dhumaatti amanuu, wanti booda du'aati jiru qabrii fi jireenyi dahoos(jireenya booda du'aatii hanga qiyaamaatti jiru) isa keessa gala, ilmi namaa booda du'aatii ni kaafama akkasumeeti herregama, deebiin isaa gara jannataa yookaan gara ibiddaa ta'a, akkasuma Rabbiin haala beekumsi Isaa dursee, hikmaan isaa akeekteen, akkaataa waan sana barreessee fi isa fedheen wantootii murteessee akka jiru amanuu, isiinis akkaataa Inni itti murteessee fi isaan itti uumeen argamaniitti amanuudha jechuudhaan deebisaniif. Eegasii Ihsaana (tola ooluu) irraa isaan gaafatee jennaan, isaanis akkana jedhanii deebisaniif: ihsaanni akka waan Isa arguutti Rabbiin gabbaruudha, sadarkaa kana ga'uun yoo isaaf hin argamne akka waan Rabbiin isa ilaalaa jiruutti Rabbiin haa gabbaruu, inni jalqaba sadarkaa ilaalchaati, inni sadarkaa olaanaadha, lammaffaan sadarkaa to'annaati.
Eegasii qiyaamaan yoomi jedhee gaafate? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- beekumsi qiyaamaa waan Rabbiin beekumsa isaa of qofaa godhate keessaa tokko akka ta'ee fi uumamtoota keessaa tokkoyyuu akka isa hin beekne fi isa irraa gaafatamaan gaafataa irra kan hin beekne akka ta'e ibsaniif.
Eegasii mallattoo qiyaamaa irraa isaan gaafate? mallattoo isii irraa gabrittiiwwanii fi ilmaan isii heddummachuu, yookaan ilmaan haadha isaaniitti jallachuu hanga akka gabrittiitti walitti dhufeenya isaanii waliin taasisanutti, akkasumas dhuma yeroo keessatti tiksitoonni re'ee fi rakkattoonni duuniyaan isaanitti gadhiifamtee, ijaarsa ijaaruu fi isa bareechuu keessatti wol dorgomuu akka ta'e ifa galchaniif.
Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafataan jibriil akka ta'ee fi sahaabota diinii qajeelaa kana barsiisuuf akka dhufe himani.