Rabbiin hojii irraa hanqinuma inni qabuun waliin Jannata isa galcha

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Ubadaa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: "Rabbiin tokkicha hiriyaa hin qabnee, Muhaammad gabrichaa fi Ergamaa Isaatii, Iisaanis garbicha Rabbiitii fi Ergamaa Isaatii, inni ammas dubbiiti kan Rabbiin gara Maryamitti darbee fi inni hafuura Isa irraa ta'ee, Jannanni dhugaadhaa, ibiddiis dhugaadhaa namni ragaa bahe Rabbiin hojii irraa hanqinuma inni qabuun waliin Jannata isa galcha".
Sahih/Authentic. - Al-Bukhari and Muslim

Ibsaa

Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni dhugumatti jecha tawhiidaa hiika isii beekee akeeka isitti hojjataa haala ta'een dubbate, Nabiyyii Muhaammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gabrichaa fi ergamaa Rabbii ta’uu isaanii namni ragaa bahe, akkasumas Iissaan gabrichaa fi ergamaa Rabbii ta'uu isaa, Akkasumas Rabbiin jecha Isaa "kun" jechuun akka isa uumee inni argame, ammas inni hafuurota Rabbiin isaan uume keessaa hafuura tokko akka ta'e namni amane, Akkasumas waan yahudoonni ishee irratti himan irraa haadha isaa bilisa kan baase. Akkasumas jiraachuu isaan lameenitii fi isaan lameen qananii Rabbiitii fi adabbii Isaa ta'utti amanaa haala ta'een namni Jannanni haqa, Ibiddi haqa, jedhee ragaa bahe, Sana irrattis du'e; osoo ibaadaa keessatti hanqina qabaatee badillee qabaatee deebiin isaa akka gara jannataa ta'e nuuf himan.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Rabbiin jecha Isaa "Ta'i" jedhuun abbaa malee akka Iisaa ilma maryam uumeedha.
  2. Iisaa fi Muhaammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gabroota Rabbiitii fi ergamtoota ta'uu isaan lameenii bakka tokkotti dubbachuudha, kanaafuu isaan lameen ergamtootaa hin soban, ammas isaan lameen gabrootaa hin gabbaramaniidha.
  3. Sadarkaa Rabbiin Tokkichoomsuun qabuu fi inni badiiwwan akka haquudha, akkasumas hireen Nama Rabbiin tokkichoomsuu badiin tokko tokko osoma irraa argamelle jannata ta'uudha.

tarreewwan

Successfully sent!