Namoonni osoo isaan lubbuun jiranii qiyaamaan isaan dhaqqabduu fi namoonni qabrii iddoo salaataa godhatan dhugumatti irra hamoo namootaa irraayi

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Abdullah ibnu Masu’uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhag'e: "Namoonni osoo isaan lubbuun jiranii qiyaamaan isaan dhaqqabduu fi namoonni qabrii iddoo salaataa godhatan dhugumatti irra hamoo namootaa irraayi".
Hasan/Sound. - Ahmad

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- warri osoo isaan lubbuun jiranii qiyaamaan isaan irratti taatuu fi warri qabrii masjiidoota isii biratti salaatanii fi gara isitti salaatan taasifatan irra hamoo namootaa irraa akka ta'an dubbatan.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Masjiidoota qabrii irratti ijaaruu haraamessuudha; waan inni gara shirkitti nama geessuuf jecha.
  2. Ijaarsa Masjiidaa malees qabrii biratti salaatuu haraamessuudha; Sababni isaas masjiidni iddoo sujuudaaf itti fayyadamaniif maqaa waan ta'eef jecha, osoma ijaarsi achi jiraachuu baatellee.
  3. Namni qabrii namoota gaggaarii isii keessatti salaatuuf jecha masaajida godhate, Rabbii ol ta'etti dhihaachuufan sana hojjadha osoo jedhellee inni irra badoo uumamaa irraayi.

tarreewwan

Successfully sent!