“Dhugumatti Rabbiin ni hinaafa, muuminnis ni hinaafa, hinaaffaan Rabbii immoo muuminni waan Rabbiin isa irratti haraama godhe hojjachuudha”

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: “Dhugumatti Rabbiin ni hinaafa, muuminnis ni hinaafa, hinaaffaan Rabbii immoo muuminni waan Rabbiin isa irratti haraama godhe hojjachuudha”.
Sahih/Authentic. - Al-Bukhari and Muslim

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-akkuma muumanni hinaafee jibbu, Rabbiinis hinaafee jibba, sababni hinaaffaa Rabbii ammoo muuminni gocha safuu hin qabne (haraama) kan akka saalqunnamtii haraamaa, dhiirti dhiira qunnamuu, hannaa, dhugaatii alkoolii dhuguu fi badii biroo raawwachuu akka ta'e himan.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Dhoorgaan Isaa yeroo sarbametti dallansuu Rabbiitii fi adabbii Isaa irraa of eeggachuun barbaachisaa akka ta'eedha.

tarreewwan

Successfully sent!