''Ani shirkii irraa irra dureessa (sooressa) shariikotaati, namni hojii tokko hojjatee isa keessatti Ana waliin waan biraa qindeesse, isaa fi shirkii isaa nin dhiisa

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Abuu hurayraa irraa -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ni jedhan: ''Rabbiin ol ta'e ni jedhe: ''Ani shirkii irraa irra dureessa (sooressa) shariikotaati, namni hojii tokko hojjatee isa keessatti Ana waliin waan biraa qindeesse, isaa fi shirkii isaa nin dhiisa"
Sahih/Authentic. - Muslim

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- Rabbiin ol ta'ee guddate akkana jedhe jechuudha himan: Inni shirkii irraa irra dureessa shariikotaati, inni waan hunda irraa dureessa, ilmi namaa hojiilee kheyrii irraa yeroo hojii tokko Rabbiif jecha hojjatee Isaan (Rabbiin) waliin waan biraa isa keessa galche, Rabbiin isa dhiisa, hojii sana isa irraa hin qeebalu, inumaayyuu hojii sana isarratti deebisa; Hojii Rabbii ol ta'eef qulqulleessuun dirqama ta'a, waan Inni (Rabbiin) -qulqullaa'e- waan fuula Isaa kabajamaaf qulqulluu ta'e malee waan biraa hin qeeballeefi.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Gosa shirkii hunda irraa sodaachisuu, waan inni (shirkiin) hojiin qeebalamuu irraa dhoorgaa ta'eefi.
  2. Hojii Rabbiif qulqulleessuu irratti wantoota nama gargaaran keessaa, durummaa fi guddina Rabbii yaadachuudha.

tarreewwan

Successfully sent!