“Namni itti yaadee ana irraati sobe ibidda keessatti teessoo isaa haa qopheeffatuu”

Scan the qr code to link to this page

hadiisa
Ibsaa
Garsisuu hiikowani
bu.aa hadiisa irraa
tarreewwan
More ...
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa laallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: “Namni itti yaadee ana irraati sobe ibidda keessatti teessoo isaa haa qopheeffatuu”.
Sahih/Authentic. - Al-Bukhari and Muslim

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni itti yaadee isaan irratti jecha ykn gocha tokko isaanitti hirkisuun sobe/kijibe soba sanaaf jecha mindaa isaa haala ta'een isaaf teessootu ibidda keessatti jiraaf jechuudha ibsan.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Nabiyyii irratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- itti yaadanii beekkan sobuun ibidda jahannam seenuuf sababa namatti ta'aadha.
  2. Nabiyyii irratti sobuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka namoota biroo irratti sobuutii miti, sababni isaas nabiyyii irratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sobuun amantii fi addunyaa keessatti badii gurguddoo waan of keessaa qabuuf jecha.
  3. Osoo hubatanii gara Nabiyyitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hirkifamuun ishee sirriidha moo sirrii mitii hin mirkaneeffatin Hadiisa facaasuu irraa akeekachiisuudha.

tarreewwan

Successfully sent!